Hundeeffama Giddugala Aadaa Oromoo

Yaadni Giddugala Aadaa Oromoo hundeessuu kan madde  Ogeessota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin yeroo ta’u, innis hanqinoota gama qorannoofi qo’annoo  gama guddina Aadaa Oromootiin jiru  maqsuuf jedhamee kan yaadamedha. Sana booda yaadni kun Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif dhiyaatee, fudhatama erga argatee booda, baajatni ijaarsa giddugala kanaaf barbaachisu mootummaa naannichaatiin ramadamee, ijaarsi akka eegalamu taasifame. Ijaarsi isaas bara 2001 eegalee bara 2007 xumuramee hojii akka eegalu taasifameera. Giddugalli kun akka biiroo mootummaa tokkootti of danda’ee  akka dhaabbatu, dambii Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk167/2006tiin akka dhaabbatu ta’eera. Giddugalli AadaaOromoo gamoowwan garaa garaa 10 kan qabu yoo ta’u; kutaalee tajaajila garaa garaa  kennan hedduu qaba.Isaanis: kutaa mana kitaabaa, kutaa qorannoofi qo’annoo Oromoo, kutaa godambaa Oromoo, kutaa leenjii muuziqaafi galma walga’ii ta’uun kan tajaajiludha.

1.2. Hojii Ijoo Giddugala Aadaa Oromoo

  1. Aadaa, afaan, seenaafi aartii Oromoo irratti qorannoofi qo’annoo gaggeessuu,
  2. Godambaa gurmeessuun agarsiisa ummataaf oolchuu,
  3. Wiirtuu Odeeffannoo Mana Kitaabaafi Haddaarsaa gurmeessuun tajaajila dubbisaa kennuu.
  4. Artii Oromoo misoomsuun guddina hawaas-dinagdee keessatti gumaacha akka taasisu godhuudha.