Aangoo GAO

Giddugalli  Aadaa Oromoo angoofi gahee hojii labsii lakk. 167/2006 tiin kennameef bu`uura godhachuun hojiiwwan gurguddoo gama qorannoo aadaa, seenaa, afaanii, artii akkasumas tajaajila misooma hambaaleefi godambaa, tajaajila muuziqaafi tiyaatira Oromoo karaa ga’umsaafi qulqullina qabuun faayidaa ummanni keenya argachuu qabu mirkaneessuu keessatti shoora guddaa  akka taphatu kan ibsudha. Kanaaf, aangoofi gaheen hojii gurguddoo danbiidhaan kennameefii jira. Isaanis:

1. Afaan,seenaafi artii ummata naannichaa sadarkaa olaanaatti ni qorata, ni qorachiisa, bu`aalee qorannoo ni maxxansiisa, ni raabsa, qaamota dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta. Barnoota idilee keessatti akka hammataman haala ni mijeessa;qorattootaaf deeggarsa ni kenna.

2.  Afaan Oromoo ilaalchisee haala dogongora barreeffamaa (qubeessuu) haala galumsa jechaa, sirna caaseffamaafi fayyadama afaanii irratti qorannoo ni gaggeessa; hojiirra oolmaa isaas ni to’ata.

3. Hojii Waaltina Afaan Oromoo giddugaleessummaan ni gaggeessa; barruu wiirtuu qopheessuun ni raabsa; hojiirra oolmaa isaas ni to’ata.

4. SadarkaaNaannoo Oromiyaatti Haddaarsa seena qabeessa ta’an walitti ni qaba; ni galmeessa, tajaajila qo’annoofi qorannootiif akka oolan ni taasisa.

5. Wiirtuu odeeffannoofi beekumsaa yookiin mana kitaabaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti giddugaleessummaan ni gurmeessa, odeeffannoon wayitaawaafi  hammayyaa ummata bira akka ga’u ni hojjeta.

6. Haddaarsaaleen gara giddugaleessichaa osoo hin dhufiin dura manneen hojii keessatti haala quubsaa ta’een sirritti akka qabaman ni hordofa. Manneen hojii keessatti kanneen yeroon tajaajila isaanii xumuran gara giddugaleessichaa akka dhufan taasisuun walitti qabee ni kunuunsa.

7.  Kitaabota bu’aa qorannoowwanii fi hojii uumee guddina Afaan, Seenaa fi aadaa oromoof gumaachaan walitti ni qaba, ni gurmeessa tajaila odeeffannoof akka oolu ni taasisa.

8. Barreeffamoota Afaan Oromootiin barreeffamaniifi kanneen waa’ee Oromoorratti afaan kamiiniyyuu barreeffamanii maxxanfamaniifi kan hin maxxanfamiin walitti ni qaba; akka barbaachisaa ta’etti kanneen filataman ni maxxansa, gurgurtaanis ta’e kennaan ni raabsa; mana kitaabaa keessatti tajaajila odeeffannoof akka oolu ni taasisa.

9. Mana tiyaatiraa sadarkaa naannootti gurmeessuun agarsiisa tiyaatiraa, fiilmii, muuziqaafi wkf  qopheessuun tajaajila ni kenna, akka kennamus ni taasisa.

10. Ogummaalee giddugaleessichaan walqabatan guddisuuf leenjiwwan yeroo dheeraafi gabaabaa ni kenna, akka barbaachisaa ta’etti wiirtuu leenjii ni hundeessa.

11. Aadaafi Seenaa Oromoo giddugaleessummaan karaa saayinsaawaa ta’een ni gurmeessa; meeshaalee hambaa, seenaafi aadaa calaqqisan walitti ni qaba, ni eega, ni kunuunsa, tajaajila daawwannaa ni kenna.

12. Madda meeshaalee godambaa qorannoon adda ni baasa; kennaanis ta’e bittaan walitti ni qaba.

13. Ulaawwan gaalariifi agarsiisaa qopheessuun tajaajila  ni kenna .

14.  Waldaalee ogeeyyii, dhaabbilee yookiin namoota dhuunfaa kaayyoo giddugaleessichaa deeggaran ni jajjabeessa; gargaarsas ni godhaaf.

15. Tajaajila kennuu irratti galii argamu walitti ni qaba, bu’uura seera faayinaansiitiin hojii irra ni  oolcha.

16. Dhimmoota giddugaleessicha ilaallatan irratti ni himata, ni himatama.

17. Hojiiwwan biro kaayyoo giddugalicha waliinwalsimaniifi madda galii burqisiisuu danda’an irratti tajaajila ni kenna.