Damee Artii Oromoo

Artiin jiruufi jireenya hawaasaa ibsuun rakkoo hawaas dinagdee hiikuuf gumaacha guddaa kan qabudha.

Artiin bashannansiisuu qofa osoo hin ta’iin sammuu namaa gabbisuufi cimsuun lammii ga’umsa qabu horachuuf gargaara. Kanumarraa ka’uun Giddugala Aadaa Oromoo keessatti dameen artii Oromoo hundaa’ee hojii kan eegale yoo ta’u tiyaatira, fiilmii, muuziqaa, fakkii irratti hojii isaanirraa barbachisu gumaachuun tajaajila kennaa jiru.

Kana malees, galmi tiyaatiraa hojii kan eegale yoo ta’u, agarsiisa fiilmii, muuziqaafi tiyaatiraaf tajaajila kennaa jira. Dhaabbilee mootummaafi miti mootummaatiif, akkasumas dhaabbilee hawaasaa adda addaatiif bakka marii ta’uun tajaajila kennaa jira. 

suuraa Yeroo Agarsiisaa keessaa
suuraa yeroo konsartii keessaa