Siiqqee 

 Siiqqeen mallattoo heerumaa fi mirga dubartooni oromoo aadaadhaan qaban agarsiisu dha. Siiqqeen ulee sorooroo (qajeelaa) irraa tolfamti, mallattoo heerumaa fi aangoo ti. Siiqqeen kabajaa, saalfii fi sodaatama guddaa qabdi (Suura 4). Akka ulee biroo siinqee dhan horii hin dhayani. Seera fi woyyoomaaf qabatu. Kanaaf dubartiin siiqqee qabatte ni sodaatamti, ni saalffatamti, ni kabajamti, fakk. yoo dubartiin Siiqqee qabattee karaa irratti namatti dhufte, nama hoofkalchitu malee bira hin darbanu ykn hin qaxxaamuramu, malkaa ishii dura hin ce’amu. Dubartiin rakkate siiqqee qabattee kadhaaf karaara yoo baatte waan harka qaban hin dhoorkatanu.