Damee Qorannoo Oromoo


Dameen qorannoo Oromoo pirojeektiiwwan Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa calqabsiise akka itti fufu taasiseera. Haaluma kanaan dameen qorannoo Oromoo dhimma afaan,seenaa,aadaafi aartii Oromoo irratti qorannoo bifa  kitaabaan maxxansee ummata biraan ga’aa ture, ammas  cimee itti fufee jira.  Haaluma kanaan kaayyoo kana galmaan ga’uuf afoola Oromoo (durdurii, mammaaksa, hibboo,baacoo, geerarsa, faaruuwwan adda addaa,wkf. walitti qabuun qorachuun maxxansiisuu, Galmee Jechootaa qopheessuun (aftokkee, aflamee, afeddee wkf.) maxxansiisuu, looga Afaan Oromoo qorachuun afaanicha waaltessuu, jechoota Afaan Oromoo moggaasuun saayinsiifi teechnooloojiif akka tajaajilu gochuu, caasaa Afaan Oromoo haala saayinsawaa ta’een qorachuu, seenaa, aartiifi aadaa ummata Oromoo qorachuun faayidaa hawaas dinagdeef akka oolan hojjetaa ture, ammas hojjetaa jira. haaluma kanaan hanga ammaatti kitaabota akaakuu adda addaa 40 ol ta’an maxxansiisuun ummata biraan ga’ee jira.

Gamoo Damee Qorannoo Oromoo 

Kitaabota Damee Qorannoon Qophaa'an