Mana Kitaabaafi Haddaarsa


 Manni Kitaabaa GAO sadarkaa biyyoolessaatti kan hundaa’e yoo ta’u, kitaabolee qorannoo adda addaafi maxxansaalee dhimma adda addaarratti yeroo garaagaraa maxxanfaman walitti qabuun dubbistootaaf tajaajila kennaa jira. Dabalataanis odeeffannoo wayitaawaa ta’e ummata biraan ga’uuf  intarneetii diriirsuun maamiloota tajaajilaa jira.

Suuraa mana kitaabaa keessaa muraasa

Haddaarsa

Haddaarsa jechuun barreeffammoonni yeroo dheeraa turan bakka itti kuufaman yoo ta’u, kunis dhimma biyyaa, dhimma dhaabbata tokkoo,barreeffamoota seena qabeessa ta’an, seenaa namoota beekamoo wkf. ta’uu danda’a.
Haddaarsa jedhamee filatamuu kan danda’u keessaa kaartaa, giraafii, suuraa, sagaleen, sur-sagalee, dookumantii adda

addaafi ragaa murteessoo wkf.dha. Giddugalli Aadaa Oromoos ragaalee akkanaa walitti qabee gurmeessee qorattootaafi
namoota dhimma kana barbaadaniif mijeessuun hojjechaa jira.