Jila ykn
Ayyaaneffannaa

Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluufi malkaarratti ba’anii Waaqa kadhatanidha. Irreechi waggaatti si’a lama kan raawwatu yoo ta`u, bakka ayyaanni itti raawwatu irraa kan ka’e; Irreecha Malkaa(laga- bu’aa)fi Irreecha Tulluu jedhamee beekama. Kanaaf, Irreechi duudhaa Sirna Gadaa keessaa tokko ta’ee ayyaana galataati.

Bara kanas waggaa 150 booda Irreechi Hora Finfinneetti haala ho’aa ta’een kabajama. Kanaafis qophiin adda addaa taasifamaa jira.