Siinqeen hiika hedduu qaba. Siinqeen ulee qal’oo dubartoonni qabatanidha. Ulee ulfinaati. Siinqeen kennaa haadharraa intalaaf guyyaa cidha ishee kennamuufidha. Siinqeen mallattoo ulfinaafi aangoo dubartummaati. Uleen kun immoo kan tolfamu muka waddeessaarraa yoo ta’u, dhadhaafi ibiddaan qaaqamee halluu magaalaan faayamee qophaa’a
Faayidaa Siinqee

1. Mallattoo of danda’uuti. kana jechuun dubartiin siinqee qabattu kan heerumteefi mana kan bulfattu waan taateef of danda’uu ishee agarsiisa.

2. Waraana dhaabuu. Dubartiin siinqee qabattee qaama lama wal lolu gidduu yoo seente kabaja siinqee sanaaf waraanni sun tasuma ni dhaabata.

3. Nama hiyyoomeef ykn qabeenya balaadhaan jalaa barbadaa’eef hirpha ittiin kadhatu.

4. Dubartii dhala dhabdeef guddifachaan mucaa akka argattu kadhachuuf,

5. Dubartiin karaa ykn imala deemtu akka hin tuqamne eeguuf,

6. Kadhaa ykn araara Waaqayyoof,

7. Mirga dubartootaa eegsisuuf faayidaa guddaa qaba.