GIDDUGALA AADAA OROMOO






Hundeeffama Giddugala Aadaa Oromoo
Yaadni Giddugala
Aadaa Oromoo hundeessuu kan madde Ogeessota Biiroo Aadaafi
Tuurizimii Oromiyaatiin yeroo ta’u, innis hanqinoota gama
qorannoofi qo’annoo gama guddina Aadaa Oromootiin jiru
maqsuuf jedhamee kan yaadamedha. Sana booda yaadni kun Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiif dhiyaatee, fudhatama erga argatee booda, baajatni ijaarsa
giddugala kanaaf barbaachisu mootummaa naannichaatiin ramadamee, ijaarsi akka
eegalamu taasifame. Ijaarsi isaas bara 2001 eegalee bara 2007 xumuramee hojii
akka eegalu taasifameera. Giddugalli kun akka biiroo mootummaa tokkootti of
danda’ee akka dhaabbatu, dambii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
lakk167/2006tiin akka dhaabbatu ta’eera.
Giddugalli Aadaa
Oromoo gamoowwan garaa garaa 10 kan qabu yoo ta’u; kutaalee tajaajila
garaa garaa kennan hedduu qaba.Isaanis: kutaa mana kitaabaa, kutaa
qorannoofi qo’annoo Oromoo, kutaa godambaa Oromoo, kutaa leenjii muuziqaafi
galma walga’ii ta’uun kan tajaajiludha.
Hojii Ijoo Giddugala Aadaa Oromoo
- Aadaa, afaan, seenaafi artii Oromoo irratti qorannoofi qo’annoo gaggeessuu,
- Godambaa gurmeessuun agarsiisa ummataaf oolchuu,
- Wiirtuu Odeeffannoo Mana Kitaabaafi Haddaarsaa gurmeessuun tajaajila dubbisaa kennuu.
- Artii Oromoo misoomsuun guddina hawaas-dinagdee keessatti gumaacha akka taasisu godhuudha.
Ummataafi Aadaa Oromoo
Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi safuu ooltee bultee dhandhamamee hin dhumne qabudha. Keessumaa aadaafi falaasamni ummata kanaa gadi fageenyaan yoo ilaalame icciitii lakkaa’amee hin dhumne kanofkeessaa qabudha. Aadaan ammoo calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba biraa irraa wanti adda isa godhu yookaan ittiin beekamu aadaa isaatiini. Oromoon aadaa boonsaa jaarmiyaalee sirna Gaada qabu keessaa dhimmoota siyaasaafi hawaasummaa keessummeessuufi adeemsa ittiin waldhabinsa hiiku heedduu qaba. Fakkeenyaaf, guddifachaa, siinqee, moggaasa, gumaa, bokkuufi wkf fayyadamaa tureera; ammas itti fayyadamaa jira. Kanaaf, yeroo itti aanutti jaarmiyaalee kanneen maal akka fakkaataniifi akkaataa itti hojjetan ilaalla.



Jaarmiyaalee Araaraa Gurguddoo


siinqee
Siinqeen hiika hedduu qaba. Siinqeen ulee qal’oo dubartoonni qabatanidha. Ulee ulfinaati. Siinqeen kennaa haadharraa intalaaf guyyaa cidha ishee kennamuufidha. Siinqeen mallattoo ulfinaafi aangoo dubartummaati. Uleen kun immoo kan tolfamu muka waddeessaarraa yoo ta’u, dhadhaafi ibiddaan qaaqamee halluu magaalaan faayamee qophaa’a.
Damee Artii Oromoo
Artiin jiruufi jireenya hawaasaa ibsuun rakkoo hawaas dinagdee hiikuuf gumaacha guddaa kan qabudha.Artiin bashannansiisuu qofa osoo hin ta’iin sammuu namaa gabbisuufi cimsuun lammii ga’umsa qabu horachuuf gargaara. Kanumarraa ka’uun Giddugala Aadaa Oromoo keessatti dameen artii Oromoo hundaa’ee hojii kan eegale yoo ta’u tiyaatira, fiilmii, muuziqaa, fakkii irratti hojii isaanirraa barbachisu gumaachuun tajaajila kennaa jiru. Kana malees, galmi tiyaatiraa hojii kan eegale yoo ta’u, agarsiisa fiilmii, muuziqaafi tiyaatiraaf tajaajila kennaa jira. Dhaabbilee mootummaafi miti mootummaatiif, akkasumas dhaabbilee hawaasaa adda addaatiif bakka marii ta’uun tajaajila kennaa jira.


Godambaa Oromoo
Godambaan GAO keessatti argamu giddugalli kun erga hunda’ee jalqabee tajaajila kennaa jira. Godambaan kun hambaalee ummataa kan ibsan godinaalee Oromiyaa hunda keessaa walitti qabuun
gurmeessuun daawwattoota biyya keessaafi alaaf banaa ta’uun daawwatamaa jira.
Damee Qorannoo Oromoo
IDameen qorannoo Oromoo pirojeektiiwwan Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa calqabsiise akka itti fufu taasiseera. Haaluma kanaan kitaabonni hedduun akka qophaa’an taasifameera. Kitaabota maxxanfamanis ummata biraan gahee jira.
