Oduu

 Ayyaanni Irreechaa waggaa 150n booda bifa ho’aa ta’een Hora Finfinneetti yeroo jalqabaatiif bara kana kabajamerratti, namoonni miiliyoona 7 ol ta’an hirmaataniiru.

Ayyaana Irreechaa Finfinneefi Harsadii bara 2012 kabajame irratti qophiiwwan adda addaa  ga’aan taasifamuu koreen qindeessituu kabaja ayyaanichaa beeksise.

Irreechi Finfinnee waggaa 150 oliif adda citee ture yeroo jalqabaatiif bara 2012 kabajamuun; qabsoon ummata Oromoo sadarkaa sadarkaan deebi’aa jiraachuu mul’isa jedhameera.

Koreen kabaja ayyaana Irreecha Finfinneefi Harsadee dursu Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaafi Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaati.

Abbaan Gadaa Goobanaa walitti qabaa korichaa yoo ta’an, Abbaa Gadaa Warqinaan ammoo itti aanaa walitti qabaadha.

Akka ibsa isaaniittis iddoon malkaafi Abbaan Malkaa Hora Finfinnee qorannaa adeemsifameen adda baafameera.

Gosti naannicha ture Gullalleefi Galaani.

Isaanis magaalattii keessaa dhiibamanii naannoo Oromiyaa kallattii adda addaafi biyyattiirratti faca’anii jiraachaa jiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24, Irreechi Harsadee ammoo Fulbaana 25,2012 kabajamee ooleera.

Ayyaanicha sirnaan keessummeessuuf koreen adda addaa ijaaramee socho’aa jira.

Koree walitti qabaa kabaja ayyaana Irreechaa abbootii Gadaatiin durfamuun cinaatti, dhalattoonni Finfinnees ijaaramanii tumsaa jiru.

Milkii isaatiifis abbootii Gadaa, mootummaa naannoo Oromiyaa, Finfinneefi caasaa nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira.

Irreecha Finfinneerratti namoonni miiliyoonni 7 akka hirmaatantu eegama.

Keessummoonni kanneenis nyaata, dhugaatii, iddoo bultii akka hin rakkanne, karroota Finfinnee shananiinuu qophii ga’aan taasifamee ayyaanni  bifa ho’aan kabajamee jira.

Kabaja ayyaanichaarrattis tokkummaan Oromoofi aadaan hammattummaa sabootaaf qabu bal’inaan calaqqisiifamee jira.

Fiigichi Irreechaa Guddichi Hora Finfinnee Fulbaana 11 bara 2012 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamee jira.  

Sagantaa fiigichaa kana Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa dhaabbata DCT Intarteeyimantii waliin qindoominaan qopheessaniiru.

Fiigichi Irreechaa Guddichi kabaja ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 bara 2012 ayyaaneffatamu sababeeffachuun kan qophaa’edha.

Akka itti aanaan hogganaa biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa obbo Admaasuu Waaqgaarii jedhanitti fiigicha Irreechaa Guddicha kanarratti namoonni kumni 50 ol ta’an hirmaatanii jiru.