Damee Hojii Deeggarsaa Giddugala Aadaa Oromoo

Hojiiwwan giddugalicha keessatti raawwatamu ilaalchisee tajaajila deeggarsaa karaa si’ataafi saffisaa ta’een kan kennan yeroo ta’u; isaanis:

1 Daarektara Daarektoreetii Hoggansa Qabeenya Namaafi Ijaarsa Dandeettii 

2.Daaarektara  Daarektoreetii  Karoora, Baajataafi Bulchiinsa Faayinaansii

3.Daarektara Daarektoreetii Oodiitii 


1 Daarektara Daarektoreetii Hoggansa Qabeenya Namaafi Ijaarsa Dandeettii 

Giddugala Aadaa Oromootti karoora humna namaa  138 kan qabu yeroo ta’u dubartoota 52fi dhiirri 86dha.Humni namaa kun hojii mana hojii karoorsuu, qindeessuun kan hojjetan yeroo ta’u sirna madaallii mootummaan baase bu’uura godhachuun hojjettoota ni madaalu, akkasumas hojjettoota haaraa mana hojiif ni qacaru, qajeelfama mootummaa akka beekaniif ergama mana hojii ilaalchisee leenjii ni kennu.

2.Daaarektara  Daarektoreetii  Karoora, Baajataafi Bulchiinsa Faayinaansii

Karooraafi baajata mana hojichaa qopheessuu, qaama dhimmi ilaaluuf dhiheesuun mirkaneessuu; hojiirra oolmaa isaa to’achuu; akkasumas raawwii karooraafi baajataa mana hojii hordofuu; baajataafi qabeenya manichaa bulchuufi to’achuudha. 

3. Daarektara Oodiitii, Faayinaasiifi Raawwii

Karoora mana hojii irraa ka’uun karoora adeemsichaa qopheessuu, gaggeessuu, hordofuun kan hojjetudha. Akkasumas adeemsa galiifi baasii ni hordofa, ni to’ata, doggoggorri yoo mudate akka sirreeffamu taasisa, raawwii hojii  yeroo adda addaa ni gamaggama.